
Addunyaa Boqonnaa Hin Qabne Keessatti Boqonnaa
Cuunfaa
Dhiphinni sammuu fi humnaa oli hojjechuun namoota baayyee yeroo isaanii dursee gara owwaalchaatti isaan fida. Haa ta'u malee yeroo uumuutti, Waaqayyo dhiphina sammuutiif furmaata kalaqe: guyyaa boqonnaa. Guyyaan qulqulla'aan kun kan inni kalaqameef eebba ta'uudhaan akka namni hojii isaa irraa boqotee Waaqayyoo wajjin yeroo dabarsuuf dha. Haala nama gaddisiisuun, yooma Waaqayyo yaadadhaa jedhee saba isaa abboome illee, baayyeen isaanii waa'ee guyyaa adda ta'ee kana ni dagatan, baayyeen isaanii immoo uumaa isa kana isaaniif kenne iyyuu ni irraanfatan.
barreessi
Tract
Kan Maxxansu
Sharing Hope Publications
Afaan 25 keessatti argama
36 Afaanota dubbataman
Fuulawwan
6
Mitaa Duraan duutee turte. Dubarri jabduun lammii Indoneezhiyaa, umurii 24, kan hojii barreeffama gara galchuu hojjettu miinjaala ishee irratti of wallaalte. Maaltu ta’ee ture?
Mitaan dhaabbata beeksisaa kan wanti baayyeen irraa eegamuu fi hojiin isaa ulfaatu keessa hojjetaa turte. Du’uu isheetiin dura, miidiyaa hawwaasummaa irratti waa’ee dadhabbii ishee yaada kennitee turte: “Galgala kana, guyyaa saddetiif walitti aansee furtuu qabeen gara waajjiraa deemaan jira... Ani jireenya hin qabu.”
Isheen dhugaatii Krating Daeng Kaafiinii qabu baayyee fayyadamti, oomisha warra Asiyaa Red Bull. Yaadni isheen dhuma irratti barreessite akka jedhutti, “sa’a 30f hojii irran ture ammas jabaadheen jira.” Sana booda miinjaala ishee irratti gaggabdee kufte deebitee hin dammaqne.
Maaltu ta’ee ture? Mitaan humnaa ol hojjechuu irraan kan ka’e duute.
Har’a, baayyeen keenya sagantaa hojii baayyee dhiphisaa ta’e qabna. Hawwaasni akka nuti baay’ee hojjennu, baay’ee akka argannuu, fi baay’ee akka bitnuuf nu sarda. Dhiphina, hirriba dhabuu, fi sammuutti hojii baayyisuutiin miidhamna.
Tarii akka Mitaa Duraan ittiin of ajjeesuu baannes, garuu jireenyi ba’aa ulfaataa nutti ta’eera. Kan Waaqayyo nuuf yaade kanaa? Inni Isa Nagaa Kennuu dha. Yeroo humnaa ol hojjennu keessi keenya nagaa ni qabaataa? Gonkumaa hin qabaatu!
Yoo hojii ofitti baayyisuudhaan bututa keessa jiraanne, wanta akka yaadannuuf Waaqayyo nutti hime tokko dagannee jirra jechuudha. Waa’ee boqonnaa maal akka Inni jedhe waliin haa sakattaanu.
Furtuu “dhaabuu” jedhu Cuqaasuu
Waaqayyo Ayyaana qabeessaa fi Araara qabeessa Isa Hundumaa irra caaluudha. Inni akkuma bilbilaa ykn kompiiteraa namootnis yeroo fudhatanii annisa qaamaa, sammuu, fi hafuuraa isaanii haaressuu akka qaban beekeera. Kanaafuu, raajichi Museen (inni Musaa jedhamuudhaan beekamu) seera Waaqayyoo akkasitti barreessee jira:
Guyyaa Sanbataa qulqullinatti eeguudhaaf, isa yaadadhu. Guyyaa ja’a hojii kee hundumaa hojjedhu, guyyaan inni torbaffaan garuu Sanbata Waaqayyo gooftaa keetiif eegamuudha. Isatti hojii tokko illee hin hojjetin (Kitaaba Qulqulluu keessaa kutaa gara isa jalqabaa, isa Tawraat jedhamuun beekamu: Seera Ba’uu 20:8-10).
Seerri Waaqayyoo inni hin jijjiiramne kun akka nuti guyyaa isa torbaffaa yaadannuuf nutti hima. Akka afaanota biyya lafaa keessa jiran baayyee isaaniitti, guyyaa torbaffaan boqonnaadhaaf addaan baafame kun “Sanbata.” Akka nuti isa yaadannuuf Waaqayyo maaliif nu abboome? Sababiin isaa Addaam irraa qabee, irraanfachuun rakkoo dhala namaa duukaa dhufe ta’uu isaa waan beekeef. Abboommii Waaqayyoo irraanfachuu hin qabnu, kan nuti karaa qajeelaa irra deemuu itti fufuu dandeenyu yeroo Waaqayyoo fi abboommii Isaa yaadannu qofadha.
Haa ta’u malee Sanbati maaliif adda ta’a? Waaqayyo nutti hima,
Waaqayyo Gooftaan guyyaa ja’a keessatti samii fi lafa, galaana, wantota isaan keessatti argaman hundumaas uumee, guyyaa isa torbaffaatti boqote. Kanaafis Waaqayyo guyyaa Sanbataa in eebbise, in ququlleesses (Seera Ba’uu 20:11).
Guyyaan Sabataa Waaqayyo uumaa ta’uu Isaatiif yaadachiiftuu barbaachisuudha. Namootni gariin Waaqayyo waan hin dadhabneef boqonnaan guyyaa torbaffaa isa hin barbaachisu jechuudhaan kanaan mormu. Garuu Waaqayyo waan dadhabeef hin boqonne; Inni hojii uumuu isaatii gidduutti dhaabuudhaan yeroo qulqullaa’aa itti boqonnu nuuf uume.
Waaqayyo namni guyyaa boqonnaa tokko qabaachuun isaa gaarii akka ta’e arge. Inni Sanbata guyyaa torbaffaa uume, sun immoo waan hojjetamaa jiru tokko Addaan kutuu ykn dhaabuu jechuu dha. Kanaafuu, torban torbaniin guyyaan torbaffaan guyyaa addaa kan itti furtuu “dhaabduu” cuqaasaniidha. Hojii fi gochawwan qulqullaa’oo hin taane kam irraa iyyuu boqochuudhaan guyyaa guutuu Isa yaadachaa fi waaqeffachaa oolla.
Itti gaafatamaan yookiin geggeessaan keessan bakka hojiitii akka boqonnaa fudhattaniif isin ajaje isinitti hin toluu? Waaqayyos kan inni abboome kanumaadha! Galatni Waaqayyoof haa ta’u! Inni dhuguma araara qabeessa!
Guyyaa Waaqayyoo Qulqullinatti Eeguu
Sanbatni guutummaa addunyaa keessa namoota jiran hundumaafuu guyyaa qulqulla’aadha. Utuu Yihuudotni, Kiristaanotni, Musiliimotni, hordoftootni Budahaa, yookiin Hinduu utuu hin dhufin baroota hedduudhaan dura warra Waaqa tokkicha isa uumaa ta’etti amanan hundumaan guyyaan kun eegamaa ture. Dhuguma iyyuu, yeroo biyyi lafaa uumamtetti guutummaa ilmaan namootaaf kenname. Addaamii fi Hewwaan (Hawwaa jedhamtees kan beekamtu) sanbata eeganiiru, akkasumas Waaqayyoo isa yaadadhaa nuun jedhe sana akka irraanfannuuf heyyama nuuf hin kennine.
Haala nama gaddisiisuun, Sanbatni yeroo baay’ee irraanfatameera. Raajonni darban Yihuudota warra durii yoo isaan Sanbata dagatan akka Waaqayyo badiisa isaanitti fidu akeekkachiisaniiru. Isaan akeekkachiisa sana hin fudhanne, kanaaf Yerusaalem ni balleeffamte, maatiin isaaniis garbummaatti fudhataman. Kiristaanotnis immoo mormii abboommii Waaqayyoo guyyaa Sanbataa isa qulqulla’aa gara Dilbataatti jijjiiruudhaan Sanbata irraanfatan. Musiliimotni guyyaa Jimaataa ni kadhatu guyyaa torbaffaa boqochuudhaan guutuu guutummaatti Uumaadhaaf abboomamuu akka qabnu dagataniiru.
Guutummaan addunyaa keenyaa guyyaa barbaachisaa kana waan dagate fakkaachuun isaa maaliif? Dagannaa baballate kanaaf ka’umsa hamaa kan ta’an sababootni biroon jiruu laata?
Yesuus Masihiicha (al-Masih jedhamee inni waamamu) humna jabaa akka addunyaatti Seexanni (Sheexanni) sammuu keenya Uumaa keenya irraa gara galchuudhaaf itti fayyadamu irraa of eeggachuu akka qabnu akeekkachiiseera. Namoota miliyoonaan lakka’amantu gowoomfamee sanbata sobaa irra waaqeffachuutti kufa. Seexanni guyyaa isa kan Uumaa yoo nu irraanfachiise, Uumaa keenya iyyuu akka nu irraanfannu abdata. Haa ta’u malee, yoo Sanbata isa dhugaa eegnu, Uumaa keenyaaf amanamummaa qabnu agarsiisaa kennaa boqonnaa, bohaartii fi nagaa nuuf kennametti gammadna.
Boqonnaa Waaqayyootti Galuu
Raajichi Museen akka barreessetti “Gooftaan guyyaa isa torbaffaa in eebbise” (Uumama 2:3). Dadhabdee humna dhabaa jirtaa? Sanbata keessa eebba baay’eetu jira!
Mitaa Duraan, isheen Indoneezhiyaa keessaa hojii barreeffama koppii galchuu hojjettu, baayyina hojiitiin duute—ati akkas ta’uu hin qabdu. Waaqayyo akka ati torban torbaniin boqottee eebbota Sanbataa shaakaltu waamicha siif godha.
Waaqayyo akkamittiin akka inni boqonnaa, nagaa, fi fayyummaa, nuuf kennu caalaatti baruu yoo barbaadde, odeeffannoo dudda waraqaa kanaa irra jiruun nu quunnami.
Heertuwwan as keessa jiran hiikkaa Waggaa Araaraa Bara 2022 Waldaa Macaafa Qulqulluu Oromootiin Maxxanfame irraa fudhataman. Mirgi isaa eegamaadha.
Copyright @ 2023 by Sharing Hope Publications. Gurgurtaaf utuu him taane qooduudhaaf hojiin kun eyyama malee iyyuu maxxanfamuu in danda’a.Heertuwwan as keessa jiran hiikkaa Waggaa Araaraa Bara 2022 Waldaa Macaafa Qulqulluu Oromootiin Maxxanfame irraa fudhataman. Mirgi isaa eegamaadha. Hiikkaa bilisaa Quraana Ingiliffaa irraa gara Afaan Oromootti.
Barruulee keenya argachuudhaaf galmaa'i
Maxxansaalee haaraa yeroo argamanitti nama dursee beeku ta'i!
