
Dinqii Si Barbaachisaa?
Cuunfaa
Yeroo baayyee isaan barbaachisutti Waaqayyo saba isaatiif maalallee gochuudhaan seenaa yeroo dheeraa qaba. Kitaabni Qulqulluu raawwachuu raajii dubbatamee, fayyuu namootaa, fi wanti dinqisiisoo kan deebii kadhannaa qofa ta'ee kennamuu danda'u seenaa hedduu isaa of keessaa qaba. Barruuleen kun sababoota adda addaa kan akka nuti Kitaabni Qulqulluun sagalee Waaqayyoo isa hin jijjiiramne ta'uu isaa amannu kan nu godhanii, fi maalallee ofii keetii arguudhaaf akkamitti akka itti dhiyaachuu qabdu nutti hima.
barreessi
Tract
Kan Maxxansu
Sharing Hope Publications
Afaan 25 keessatti argama
36 Afaanota dubbataman
Fuulawwan
6
Maatii gosa bal’aa qabu tokkotu jireenya wayyu jiraachuuf abdatee gara biyya birootti imaluuf murteesse ka’e. Haa ta’u malee, imalichi salphaa hin turre; miilla isaaniitiin gammoojjii bal’aa ta’e keessa darbuu isaan gaafate. Bofa, torbaanqabaa fi ho’a cimaatu turan. Miseensonni gosaa dhukkubsatan ykn dadhaboon miiltota isaaii irraa duubatti yoo kufan saamtotaan haleelamu.
Sooratni isaan qabaan waan harkaa dhumeef, geggeessaan isaanii garuu dinqii akka godhuuf Waaqayyootti boo’ee ture. Guyyaa itti aanutti, namootni sun hirribaa yeroo dammaqan, waan daabboo fakkaatu bakkee keessa guutee argan. Akka bixxillee dammaan tolfamee, kan minyaa’u ture. Kana malees hunda isaanii quubsuudhaaf ga’aa ture! Gammoojjii sana keessa darbuun guyyoota hedduu isanitti fudhate, daabboonis guyyaa guyyaatti samii irraa gadi rooba ture. Waaqayyoon ha galatu, jarri ni baraaraman!
Seenaan kun ajaa’iba ta’uu danda’a, garuu seenaa sirriitti ta’ee darbee dha. Seenaa dinqii hedduu Kitaaba Qulqulluu keessatti himaman keessaa kun isa tokkoodha, ati isaan kana maqaa Taawraat, Zabuur, fi Injiil jedhuun beekta ta’a. Kitaabni Qulqulluun seenaa dhugaa dhibbootaan lakka’aman of keessaa qaba, isaan keessaa baayyeen isaanii dinqii Waaqayyo jireenya ilmaan namootaa keessatti raawwateedha. Yeroo namootni ofii isaaniitii dinqiiwwan arguu barbaadanitti, kitaabni kun kan yeroo keenya kanaaf barbaachisudha.
Dinqiwwan Bara-Si’anaa
Baroota dhiyootii asitti, waraana wal gidduutti ta’u, warraaqsa, kufaatii diinagdee, hoji dhabdummaa, dhukkuba daddarboo, fi du’a hedduu argineerra. Haalli amma ati keessa jirtu maal akka fakkaatu ani hin beeku. Tarii mana kee irraa buqqaateetta ta’uu danda’a. Tarii michoota du’aa fi jireenya gidduutti rakkachaa jiru qabda ta’a. Tarii hojii tokko argachuuf rakkachaa jirta ta’a.
Haala kamiin keessa iyyuu yoo jiraatte, Waaqayyo siif yaada akkuma bara duriis waan Inni dinqii siif hojjechuudhaaf fedhii guddaa qaba. Yeroo gadditu, kitaaba dinqiwwanii kan ta’e, Kitaaba Qulqulluu dubbifachuudhaan jajjabina argachuu dandeessa.
Sagalee Waaqayyoo Bara Keenyaaf
Namootni muraasni jijjiirameera jechuu waan dhaga’aniif Kitaaba Qulqulluu dubbisuu hin fedhan. Tarii yaadni dogoggoraa akkasii kan dhufe jireenya namoota Kitaaba Qulqulluu hordofna jedhan ilaalluu irraan ta’uu danda’a. Yeroo tokko-tokko Kiristaanota dhugaatii nama macheessu dhugan, qumaara taphatan, uffata qullaa mul’isu uffatan, booyyee nyaatan, fi namoota miidhan argina.
Haa ta’u malee, dogoggorri kun hundumtuu Kitaabni Qulqulluudhaan kan dhowwamanii dha. Kiristaanotni Waaqayyof abboomamuu diduutti qabamuun isaanii, barbaachisummaa sagalee Waaqayyoo isa bara baraa kana hin jijjiiru. Raajichi Isaayyaas akka jedhetti, “margichi in coollaga, daraarichis in harca’a, dubbiin Waaqayyo keenyaa garuu bara baraan dhaabatee in hafa’ jedhi!” jedhe (Isaayyaas 40:8). Dhalli namaa sagalee Waaqayyoo jijjiiruudhaaf humna qaba jettee yaaddaa, moo isaan amala gadheedhaan isa garmalee bakka bu’uu danda’u jetta?
Kitaabni Qulqulluun yeroo tokko Daawwit raajichi (Daawud jedhamee kan beekamu) saba isaa wajjin bidiruu kakuu Waaqayyoo, isa warqee irraa tolfamee kan abboommii kurnan of keessaa qabu sana geejibaa akka turan dubbata. Abboommiin kurnan seera naamusa jireenyaa gabatee dhagaa lama irratti barreeffamee saanduqa warqee keessa kaa’ameedha. Jila sana keessatti namni tokko harka isaa diriirsee taabota sana tuquuf ija jabaate—yeroodhuma sanatti kufee du’e!
Waaqayyo harki of tuuluun garaa qulqulluu Dubbii Isaa of keessaa qabu akka tuqan hin hayyamu taanaan, namoonni hamoon maqasii fi qalama sirreeffamaa qabatanii Dubbii Isaa isa barreeffametti akka dhiyaatan ittisuun hangam xiqqaadha? Waaqayyo Dubbii Isaaf eegumsa gochuudhaaf jabaadha.
Dhugaa dubbachuuf, Kitaabni Qulqulluun seenaa ilmaan namootaa keessati kitaabota kamiin olitti qabatamaa ta’uun isaa kan mirkanaa’eedha. Yeroo baay’ee fagoo miti, tikisitoonni mogaa biyya Filisxeem sadii—Muhaammad edh-Dhib, Jum’a Muhaammad, and Khaalil Muusaa—akka tasaa Kitaaba Maramaa dubbiin Waaqayyoo irraatti barreeffame Galaana Du’aatii argatan. Argannoon qorannaa lafa jalaa kun akka nuti Kitaaba Qulquluu isa baroota 2,000 dura barreeffamee wajjin wal bira qabnee ilaalluuf carraa nuuf kenne. Dhimmichi nama ajaa’ibsiisa, ammas mul’atni Waaqayyoo jijjiiramuu akka hin dandeenye agarsiisa. Yoo waan dinqii si barbaachise, Kitaabni Qulqulluun bakka argama isaa isa shakkii hin qabne ta’uu isaa beeki! Seenaa raajotaa kanneen akka Noh (Nuh), Abirihaam (Ibiraahim), Yoosef (Yusuf), Yoonaas (Yuunus), Daani’el, Daawwit (Daawud), fi Solomoon (Sulemaan) achi keessatti argatta. Bakka adda addaatti waa’ee isaanii muraasa dhageessee jirta ta’a, Kitaabni Qulqulluun garuu seenaa isaanii guutummaatti siif kenna!
Kottuutii Dinqii Kee barbaadi
Rakkoo kamiin keessa yoo darbaa jiraatte illee, Kitaabni Qulqulluun seenaa dinqii tokko siif ta’u qaba:
Si’i moo nama ati jaallattutu dhukkubsate jiraa? Seenaa dinqisiisaa nama maqaan isaa Na’amaan jedhamuu, Jeneraala warra Sooriyaa isa lamxiidhaan qabamee ture dubbisi.
Maatii kee sooruuf rakkoo keessa jirtaa? Seenaa Dubartii gursummaa Libaanos fi ilma ishee, dhadhaa ejersaa cuggee tokkoo fi daakuu habootteen safaramtuun utuu duraa hin dhumnen hongee yeroo dheeraa dabarsan sana dubbisi.
Jireenyi kee balaa jala jiraa? Waa’ee Ebed-Melek, garbicha Itiyoophiyaa masaraa mootichaa keessa turee fi yeroo waraanaa sababa amantii Waaqayyootti qabuun lubbuun isaa baraare tokkoo dubbisi.
Akka waan gatamteetti sitti in dhaga’amaa? Waa’ee Aggaar ishee lammii biyya Misiraa, yeroo moggaatti baafamtetti dinqii Waaqayyoo kan argite sana dubbisi.
Rakkina jireenyaa jalatti liqimfamaa jirtaa? Seenaa isa Yesus Kiristoos galaana irratti danbalii jabaan yeroo ka’e, harka isaa diriirse gab gochuudhaan bidiruu sana nyaatamuu oolche dubbisi.
Deebii waan Dinqiidhaan Guute
Kitaaba Qulqulluu yeroo dubbifnutti, akka nuti ija jabinaan kadhannee yaada fudhatamaa ta’e eeggannu nu taasisa. Yesuus Kiristoos, “Waanuma kadhattan hundumaa, akka waan fudhattaniitti, amanaa” jedhe (Maatewos 21:22). Yeroo seenaa namoota maalallee Gooftaa biraa fudhatan dubbifnutti, akka nutis gaaffii qabnu gara samiitti ol erginutti onneen keenya abdiidhaan guutama.
Dinqii ta’e tokko in barbaaddaa? Dinqiiwwan Kitaaba Qulqulluu keessa jiraniin eebbifamiitii kan ofii keetii immoo arguudhaaf Waaqayyoon gaafadhu. Dhugaadhumatti Inni har’a kadhannaa kee ni dhaga’a!
Waa’ee Dinqiiwwan Kitaaba Qulqulluu keessa jiranii caalaatti baruu barbaadde, odeeffannoo dugda waraqaa kanaa irra jiruun nu quunnami.
Copyright @ 2023 by Sharing Hope Publications. Gurgurtaaf utuu him taane qooduudhaaf hojiin kun eyyama malee iyyuu maxxanfamuu in danda’a.Heertuwwan as keessa jiran hiikkaa Waggaa yoo barbaadde Bara 2022 Waldaa Macaafa Qulqulluu Oromootiin Maxxanfame irraa fudhataman. Mirgi isaa eegamaadha. Hiikkaa bilisaa Quraana Ingiliffaa irraa gara Afaan Oromootti.
Barruulee keenya argachuudhaaf galmaa'i
Maxxansaalee haaraa yeroo argamanitti nama dursee beeku ta'i!
