Akkamittiin Akka Ofii keetiif Yaaddu

Akkamittiin Akka Ofii keetiif Yaaddu

Cuunfaa

Raajota Waaqayyootiin waa'een humna amantaa balaafamaa akka fakkeenyaatti maqaa "Baabiloon" jedhamuun bakka bu'e dursee dubbatameera. Akka raajiitiin himametti, humni kun gara waaqeffannaa sobaatti nu dhiiba. Karaan tokkichi nuti ittiin kana jalaa miliquu dandeenyu ofii keenyaaf yaaduu fi sagalee Waaqayyoo isa mul'ifametti qabamnee jiraachuu dha. Barruuleen kun yeroo addunyaa guutummaan hunkurama keessa seentutti amantoota ogeeyyii fi yaaduu danda'an taanee argamuu akka dandeenyutti sammuu keenya akkam goonee shaakalchiisuu akka qabnu nutti hima.

barreessi

Tract

Kan Maxxansu

Sharing Hope Publications

Afaan 25 keessatti argama

36 Afaanota dubbataman

Fuulawwan

6

Gadi buusuu

Adeemsa miillaa yeroo dheeraa booda fiixee Gunuung Datukiin geenye. Achi irraa waan asii gadi mul’atu ilaalee gammaduudhaaf hiriyyaa koo, Adzaak, waliin gadiin taa’e. Utuma baayyee hin turin, haasaan keenya gara mata duree amantiitti jijjiirame.

“Ani nama yaada bilisaati.” jedhe Adzaak. “Waa’ee addunyaa kanaa ani ilaalcha ofii kootiin qaba.”

“Oo eeyyen,” jedheen deebiseef. “Akka dargaggootni biyya Maalezhiyaa baayyeen isaanii nama yaada biliisaatti of lakkaa’an dhaga’eera.”

Adzaak in kolfe. “Ofiidhuma keenyaa itti yaaduu nu barbaachisa. Yoo akkas ta’uudhaa baate wanti nama wallaalchisu baayyeetu jira jechuudha. Sun sammuun si dhukubu si godha.”

“Yeroo gara biyyaa dhaqxuhoo?” jedheen gaafadhe. “Asi Maleezhiyaa keessatti, dargaggootni baayyeen ofii isaanii nama yaada biliisaatti of waamu, yeroo manatti galan garuu, amantaa Musiliimaa yookiin Budahaa akka shaakaltutu si irraa eegama. Warra keetti maal himta?”

“Ani isaanitti hin himu” jedhee deebiseef Adzak. “Waan isaan barbaadan nan raawwadha. Biliisa ta’ee yaaduu nan danda’a, yaada koo garuu ofumaafan koottin qabadha.”

Yaadni Biliisaa Barbaachisaadhaa?

Addunyaa kana keessaa bakka tokko tokkotti amantaa dogoggoraa qabaachuun hawwaasa keessatti jibbamuu, hojiidhaa ari’amuu, yookiin ajjeefamuudhaan si ga’uu danda’a. Ofiif yaaduun balaa sitti ta’uu danda’a. Haa ta’u malee barbaachisaadhaa? 

Addunyaan keenya yaadota gaarii fi gadheedhaan guutuudha. Karaan barbaachisaan yaada gaarii yaada hamaattii addaan baasan keessaa tokko yaaduu fi waa’ee isaanii irratti dubbachuudha. Waan gatii qaalii yoo bitte—kan akka warqee, safartuu, yookiin iphone—calluma jettee kaffaltee manatti hin fudhattu. Dhugumaan meeshaa qulqullina qabu ta’uu isaa adda baafachuudhaaf sakattaasistee oomisha adda addaa wajjin wal bira qabdee madaalta. Yaadotnis akkasuma ta’uu qabu. 

Addunyaa kana keessa walin nama dha’uu hedduutu jira, yeroo namootni yaada isaanii isa waliin dha’amuudhaan guute sana humnaan hawwaasa irratti fe’an immoo ittuu hammaata. Waa’ee raajii barbaachisaa ta’e tokkon sitti hima. Kitaaba dur durii “Mul’ata Yesuus Kiristoos” jedhamu keessatti, raajiin waa’ee namoota yaada amantaa isaanii isa waliin dha’amuudhaan guute nama irratti humnaan fe’anii dubbata. Akkas jedha, “Kufteetti Baabiloon guddittiin, isheen sabni hundinuu daadhii wayinii dheekkamsaa isa halalummaa ishee irraa akka dhugan goote, kufteetti” (Mul’ata 14:8).

Jechootni fakkoommiidhaan ibsaman kunniin kan hubachuun isaa nama rakkisu miti. Baabiloon magaalaa durii fi beekamtuu taatedha, garuu hiikkaan maqaa ishee “Waliin dhahamtuu.” Magaalaan kun “kufteetti” garuu waan waliin dha’amuudhaan guutteef utuu hin waliin dha’amuu ishee irraa deebi’uu waan diddeefii dha. Isheen akka sabni hundinuu halalummaa hafuuraa ishee duukaa bu’aniif wallaalchifte—sunis, dhugaadhaa fi soba waliin makuudhaan Waaqayyoon ganuudha. Yaadotni sobaa kunniin akka waan baratamaa ta’eetti ilaalamuudhaan fudhatame. Raajiin waa’ee “Baabiloon” kun haala qabatamaa guutummaa addunyaa isa dogoggora hafuuraa akka waan baratamaatti fudhachuu irra darbee warra dhugaadhaaf dhaabanna jedhan dirqisiisuutti ce’e agarsiisa.

Mul’atni Yesuus Kiristoos inni dursee himame kun bara keenya keessa kan raawwatu ta’a. Tarii kun utuu ta’uu argiteetta ta’a. Namootni yaada sobaatiin Waaqayyoon bakka bu’an jiruu? Waa’ee sanaaf keessi kee sitti toluu dideeraa?

Eeyyee, yaadni ofiin itti yaaduu kanaaf barbaachise.

Akkamittiin akka ofii keetiif Yaaddu

Namootni baayyeen amantaa hawwaasa isaanii hordofuutti of kennoodha. Waa’ee waan amananii itti hin yaadan. Barmaata amantaa hiikkaa isaaniif hin qabne yookiin miidhaa fiduu malee gaarummaa kan hin qabne hordofu. Yeroo baay’ee, geggeessitooti amantiiyyuu, warra karaa gara Waaqayyootti geessu nutti mul’isuun irraa eegamu, malaammaltummaadhaan guutamanii argamu.

Dhugaa akkamitti arganna? Raajii akka amanuu qabnu ani yaadan kenna. Maaliif? Sababoota sadiitu jiru:

  1. Waa’ee fuula duraa raajonni beekumsa ajaa’iboo ta’an mul’isaniiru. Raajichi Daani’eel Awurooppaan gara ejjennoo seenaa ishee addunyaa koloneeffachuuf akka jirtu tilmaameera. Yesuus Kiristoos (Isaa al-Masih jedhamee kan beekamus) badiisa Yerusaalem isa Dh. K. D. bara 70tti raawwate raajeera. Raajichi Museen (Musaan) Ishimaayelii kaasee hanga dhuma yerootti kan jiru raajeera.

  2. Raajonni beekumsa saayinsii fayyaa ajaaiboo ta’an mul’isaniiru. Raajichi Museen, inni waggoota 3,500 dura jiraate, waa’ee sababa dhukkubaaf qofaatti ba’anii, bishaan xuraa’aa akkamitti akka gatanii, fi akkamitti akka meeshaa qulleessanii ibsee jira. Bineensota qulqulluu fi xuraa’oo godhee addaan qoodeera. Yeroo foon qulqulluu nyaannu dhiigaa fi cooma akka hin nyaanne nutti himeera. Har’a iyyuu taanaan, warri seera nyaataa fi qulqullinaa inni kenne hordofan namoota warra kaan caalaa waggaa 15 dabalata jiraatu.

  3. Waaqayyo kadhannaa amantoota warra Isaa fi raajota Isaatti amananii ni deebisa. 

Barreeffamootni raajotaa qajeelfamaan guutuudha—haa ta’u malee isaan irraa bu’aa buufachuudhaaf, waan itti amanne qorree ilaaluu, ragaa qabatamaa amantii keenya irratti qabnu, gadi fageessinee yaaduu baruu qabna. Yaaduun amantii dhugaa keessatti qaama barbaachisaadha.

Amma, yeroo dogoggora qorannu maaltu ta’a? Ka’umsa irratti dhugaa fakkaachuu danda’a. Haa ta’u malee yeroo ragaa barbaaduu jalqabnu, yaadicha keessatti rakkoo arguu jalqabna. 

Dhugaan isaa faallaa kanaati. Yeroo of eeggannaadhaan qoratamutti waan dhabu tokko illee hin qabu. Hanguma gadi fageessinee qoranne, dhugaa caalu argina. 

Waan Waaqayyo daandii oogummaa irra nu geggeessuuf amantootni namoota addunyaa kanaa hundumaa irra ogeessota ta’uutu irraa eegama. Yoo ofii kee haala keessatti biliisaan yaaduu hin dandeenye yookiin gaaffii gaafachuu hin dandeenye keesatti of argite, sun Waaqayyo biraa miti jechuudha. Dhugaan qorannaa jala dhaabachuu kan danda’u waan ta’eef Waaqayyo akka nuti itti dhiyaannee qorannu nu afeera. Baabiloon garuu blbala beekumsaa sitti cufuudhaan soba keessa akkatti seentuuf si urursa.

Baabilooniin keessa jirta moo miti yaada jedhuun bita galummaa keessa jirta yoo ta’e, kottuutii ba’i! Gara daandii ogummaa Waaqayyootti kottu. Ofii keetii yaadiitii gaaffii barbaachisaa ta’es gaafadhu. Gonkumaa abdii hin kutattu. 

Waa’ee mul’ata Yesuus Kiristoos caalaatti baruu in barbaaddaa? Odeeffannoo dugda waraqaa kanaa irra jiruun nu quunnami.

Copyright @ 2023 by Sharing Hope Publications. Gurgurtaaf utuu him taane qooduudhaaf hojiin kun eyyama malee iyyuu maxxanfamuu in danda’a. 
Heertuwwan as keessa jiran hiikkaa Waggaa Araaraa Bara 2022 Waldaa Macaafa Qulqulluu Oromootiin Maxxanfame irraa fudhataman. Mirgi isaa eegamaadha. Hiikkaa bilisaa Quraana Ingiliffaa irraa gara Afaan Oromootti.

Barruulee keenya argachuudhaaf galmaa'i

Maxxansaalee haaraa yeroo argamanitti nama dursee beeku ta'i!

newsletter-cover