Araara Dharra’uu

Araara Dharra’uu

Cuunfaa

Araarri Waaqayyoo maal fakkaata? Inni akkasumaan, "siif dhiiseera" jedhamoo galmee keenya isa jibbisiisaa sana dhabamsiisuuf waan bakka buusuu qabutu jira? Barruun kun barbaachisummaa fi hiikkaa aarsaa bakka bu'insaa ibsa. Dubbistootni cubbuun isaanii akka isaaniif dhiifamuu fi leeyyoon isaanii akka dhabamsiifamu beekuu keessaa abdii argatu.

barreessi

Tract

Kan Maxxansu

Sharing Hope Publications

Afaan 25 keessatti argama

36 Afaanota dubbataman

Fuulawwan

6

Gadi buusuu

Faaxumaan ayyaana Eid al-Adha itti qofaa isheeti, qofummaa isheen baachuu dandeessuu ol ta’ee itti dhaga’ame. Qofummaan dogoggora mataa isheeti ture, mitii ree? 

Faaxumaan waa’ee Ahimaditti heerumuu isheetii abbaa ishee wajjin falmii jabaa irra akka turte ni yaadatti. Shamarree jaalalli ishee qabe turte. Abbaan ishee akkamittin hin ta’u jechuu danda’e? Gaafa isheen Ahimaditti heerumuudhaaf baddee deemte abbaan ishee lammaffaa as hin deebitu ittiin jedhe.

Ahimadiin waan Baay’ate jaallattuuf qaanii kara sana itti dhufu hunda waan baachuu dandeessu of seete. Garuu utuma hin turin, akka abbaan ishee sirrii ture amante. Ahimad nama isheen waan jaallatte itti fakkaate hin ture. Dubartii biraaf jecha ishee dhiise.

Faaxumaan ofitti leeyyaate. Waan balleessiteef gatii baasaa akka jirtu bartee kaffaltii ishee irraa eegamu akka baasaa jirtu galeef. Haqa sirriitti hubatteetti. Onneen ishee garuu, maaloo akkam araara dheeboteera!

Isa hunda caalaa Ayyaana qabeessaa fi Araara qabeessa ta’e

Dhugaa dubbachuuf yoo ta’e, hundi keenya iyyuu dogoggorree sagalee oogummaa jalaa didneerra. Nus warra kaaniin mufachiifneerra. Warri kaanis nu mufachiisaniiru. Hawwaasni keenya namoota dogoggora hojjetan irraa argame. Walii keenyaafis ta’e ofii keenyaaf dhiisuun ammam ulfaataadha! 

Dogoggora keenyaaf araarri jiraa?

Yeroo meeqa akka irra deddeebite yaadadhu “Maqaa Waaqayyoo isa Hunduma Caalaa Ayyaana Qabeessaa fi Araara qabeessa ta’e” jecha salphaa—”bismillahi Al-Rahmaan Al-Raheem.” Araara maaltu hamma kana adda taasisa?

Tarii sababii hawwaasni keenya—fi onneedhumti keenyaa—araara baayyisee waan barbaachisuuf ta’uu danda’a.

Araara: Daandii Isa Wayyu

Waggoota muraasaan dura namni Abdul-Rahman jedhamu ollaa isaa Kaariim wajjin wal lolee ajjeese. Maatiiwwan mandara xiqqoo biyya Gibxii kana keessa jiraatan lamaaniif jireenyi danqamaa ta’e. Maatiin Kaareem haalloo baafachuuf yeroo yaalan maatiin Abdul-Rahman immoo sodaachaa isa oolchuuf in yaalu turan. Abdul-Rahman marsaan haaloo baafachuun kun akka itti fufu hin barbaadne ture. Maal gochuu akka qabu geggeessitoota mandara sanaa gaafatee isaan immoo aadaa isa kafana reeffaa fudhatanii dhaqan yaali ittiin jedhan.

Abdul-Rahman kafana reeffaa adii ta’e ofii isaatiif qopheeffatee haaduu qaramaa gubbaa isa irra kaa’ee fide. Utuu namni gabaan mandara sanaa hundi ilaaluu bakka gabaatti maatii Kaariim bira deeme. Abdul-Rahman obboleessa Kaariim kan ta’e Habiib dura jilbeenfatee, kafana reeffaa fi haaduu itti kenne. Araara fi araaramuu gaafate.

Habiib haaduu sana fuudhee morma Abdul-Rahman irra kaa’e. Geggeessitoonni naannoo hoolaa fidanii dhufan, kanaaf Habiib amma murteessuu qaba: araara, ykn haaloo baasuu? Yeroo haaduu sana morma Abdul-Rahman irra kaa’e, gochaan isaa kan labse, “Ani amma harka koo keessa si galfadheera. Iji nama hundumaa kana ilaalaa jira; namni hundinuu si ajjeesuuf akkan mirga qabuu fi kanas gochuu akkan danda’u ni beeka. Haa ta’u malee araara siif gochuu filadheera. Dhiiga dhangalaasuu ani dhumattan fida.”

Qoda sanaa Abdul-Rahman irraa achi garagalee morma hoolaa sanaa mure. Yeroo ariitiin dhukkubbii, aarii fi haqni horicha sanaan xuuxametti, Habiib hammatee Abdul-Rahman hammate. Nagaan maatii lamaan giduu ture iddootti deebi’e. 

Erga namni akkasitti haqaa fi araara walitti fiduu danda’a ta’eetii, Waaqayyo kana gochuu akka danda’u beekamaadha!  

Yesuus Masihiicha: Araara isa Waaqa biraa Dhufe

Waa’ee araara Waaqayyoo eessaa baruu dandeenya? Baayyee salphaadha. Tarii akka Yesuus Masihichi (Isaa al-Masii jedhamees kan beekamu) “Araara” isa Waaqayyo biraa dhufe jedhamees waamamu dhageesseetta ta’a. Kanas jechuun inni guutummaatti araara bakka bu’a jechuu dha. Karaa Isaa—barsiisa isaa isa Wangeela keessaa, akkasumas Injil jedhamee kan beekamu—kun daandii dhiifamaa fi araaraati. 

Yesuus Masihichi gahee kana guutummaatti bahuu kan danda’u isa tokkicha cubbuu hin qabnee fi Waaqayyo biraa ergamedha. Raajonnii fi ergamtootni qulqulluudha jedhaman hundi dogoggora isaaniif dhiifama kan isaan barbaachise yeroo ta’u Yesuus Masihichaaf garuu dhiifamni hin barbaachifne. Inni dogoggora tokko-waan xiqqoollee waan hin hojjenneef guyyaa murtii eeguu utuu isa hin barbaachisin gara samiitti kallattiidhaan ol fudhatame.

Kanaafiidha kan inni Araara isa Waaqayyo biraa dhufe jedhameef. Inni fakkeenya araara isa qulqulluu nuuf kennuudhaan akkamitti akka araara Waaqayyo fudhannu nu barsiise.

Yesuus Masihiicha akkamitti na gargaaruu danda’a?

Yohaannis cuuphaan (inni Yaahyaa jedhamuun beekamu) uummata walitti qabame gidduutti Yesuus is Masihicha yeroo arge hafuura Waaqayyootiin guutamee, sagalee ol fudhachuudhaan, “Ilaa! hoolaa Waaqayyoo isa cubbuu biyya lafaa balleessu!” jechuun isaa barreeffamee jira (Wangeela, Yohaannis 1:29) Yesuus Masihiichi akkuma hoolaa isa Abdul-Rahmaniif daandii araaraa saaqeeti. 

Badii keenyaaf yoo adabamne, kun qajeelaadha. Haa ta’u malee Yesuus Masihiichi, inni cubbuu tokko illee hin qabne, fedhii isaatiin badii keenyaaf itti gaafatamummaa fudhate. Namni isa dirqisiise hin jiru. Gatii qajeelummaan gaafatuuf deebii kennuudhaaf fedhii isaatiin du’a ofitti fudhate. Namni akka isaatti guutuu guutummaatti jiraatee darbe hin turre, ta’us akka hoolaa ishee seenaa Abdul-Rahman keessa jirtuu sana ta’uudhaaf of kenne. Kanaafii dha, kan Waaqayyo erga inni waa’ee keenyaaf dhiphina fudhatee booda, du’aa kaasee gara samiitti kan fudhateef. 

Tarii jireenya kee keessatti jeequmsa qabaachuu dandeessa. Tarii akka Faaxumaa, namoota jaallattuun gatamteetta ta’a. Tarii nama biroodhaan miidhamteetta ta’a, yookiin immoo maqaa gaariin ati qabdu xureeffameera ta’a. Tarii akka Abdul-Rahman, leeyyaatee haaloo baafatas jettee sodaatta ta’a.

Yesuus Masihiichi gargaaruu danda’a. Salphaadhumatti Kadhannaa gabaabaa akkana jedhu kana qofa dhiyeessuu dandeessa:

Yaa Gooftaa, ani gonkumaa gatii cubbuu kootii kana baasuu hin danda’u. Akka Ati Yesuus Masihiicha araara Kee argisiisuudhaaf gara keenyatti ergite nan beeka. Gaarummaa inni ilmaan namootaa hundumaaf raawwateef jedhiitii anaaf dhiisi. Jireenya koo keessatti araara kee akkan miyeeffadhutti karaa Yesuus isa Masihiichaa akkan hubadhuuf na gargaari. Ameen.

Yoo wangeela argachuu barbaadde, odeeffannoo dugda duuba waraqaa kanaa irra jiruun nu quunnami.

Copyright @ 2023 by Sharing Hope Publications. Gurgurtaaf utuu him taane qooduudhaaf hojiin kun eyyama malee iyyuu maxxanfamuu in danda’a. 
Heertuwwan as keessa jiran hiikkaa Waggaa Araaraa Bara 2022 Waldaa Macaafa Qulqulluu Oromootiin Maxxanfame irraa fudhataman. Mirgi isaa eegamaadha. Hiikkaa bilisaa Quraana Ingiliffaa irraa gara Afaan Oromootti.

Barruulee keenya argachuudhaaf galmaa'i

Maxxansaalee haaraa yeroo argamanitti nama dursee beeku ta'i!

newsletter-cover