
Hafuura Hamaa Irraa Eegamuu
Cuunfaa
Hafuurotni hamoon humna qabu, garuu humni isaanii hanga humna Yesuus Masihichaa hin ga'u. Barruuleen kun akkamitti Yesuus namoota dhiphatan keessaa hafuurota hamoo baasee fayyina akka isaan argataniif gargaare nutti hima. Har'a nuufis akkasuma gochuu danda'a. Kitaabni Isaa akkamittiin akka nuti hacuuccaa fi cunqursaa seexanaa jalaa ba'uu dandeenyu nu barsiisa. Akkasumas gowoomsaa seexanaa isa dhufaatii Yesuusiin dura isa fakkaachuudhaan dhufuun akka hin gowoomfamnes nu barsiisa.
barreessi
Tract
Kan Maxxansu
Sharing Hope Publications
Afaan 25 keessatti argama
36 Afaanota dubbataman
Fuulawwan
6
Jinniin bakka hundumaa jiru. Hafuurota, seexana, hafuura xuraa’oo, yookiin jinnii yoo jettanis kan nama sodaachisan ta’uu danda’u. Shamaan, falfaltoonni fi haala-ilaaltonni baayʼee beekamtii kan qabaniidha, garuu dhuguma nu eeguu dandaʼuu?
Akka hin sodaannetti hafuurota hamoo irraa eegumsa argachuudhaaf, tarkaanfii salphaa sadii isiniif qooduun barbaada.
Hafuurota Hamoo irraa Eegumuu
Namicha tokkotu qullaa isaa iyyaa ture. Inni jinnii baayyeedhaan qabamee ture, namni isa gargaaruu danda’u tokko illee hin turre. Namootni mandaricha keessaa fuuncadhaan isa hidhuudhaaf yaalanii turan, inni garuu humna kan namaatii oliitiin sanas ciree, iddoo owwaalaa keessa jiraachuudhaaf fiigee deema. Inni guyyaa guutuu akka malee iyyaa fi dhagaadhaan of madeessaa oola ture.
Kunis hanga namni maqaan isaa Yesuus Kiristoos isa Isaa al-Masihi jedhamu bira ga’utti akkas ture.
Yeroo namichi gargaarsa gaafachuudhaaf afaan isaa saaqqatetti, jinnii isa keessa jiru iyyee Yesuus Kiristosiin na dhiisi jedhee iyye. Haa ta’u malee Yesuus isa hin dhiifne. Maaltu akka ta’aa ture beekee ture. Sodaa malee, akka jinniin namicha dhiisee deemu abboome.
Jinniin “Adaraa qilee keessa nun buusin!” jedhee kadhatan. Hoomaa booyyee itti dhiyoo jiranitti akka seenuu danda’aniif heyyama gaafatan. Yesuus akka isaan namicha gadi dhiisanii bineenota xuraa’oo sanatti seenaniif abboome. Battalumatti, qalbiin namichaa ni deebi’eefii, booyyeen achi turan hundi allayyaa irraan gara galaanaatti gadi kukkufan.
Dhuma irratti, namichi bilisa ta’ee ture. Baay’ees galateeffate! Haa ta’u malee seenaan akkasii kana qofa miti. Yesuus Kiristoos humna isaa isa jabaa hafuurota hamoota irratti qaba. Bakka deeme hundatti, namoota jinniidhaan qabaman hunda furaa tureera. Duuka buutota isaatiifis hafuurota hamaa irratti aboo kenneeraaf:
Ani, kunoo, gooftummaa Isiniif kenneera... Haa ta’u iyyuu malee, hafuuronni hamoonni isiniif abboomamuu isaaniitti hin gammadinaa; maqaan keessan waaqa irratti waan caafameef, guddisaa gammadaa malee isaaniin jedhe (Wangeela isa Injil jedhamee beekamu, Luuqaas 10:19-20).
Yeroo Yesuus Kiristoosiin hordofnu, jireenya isa kanaaf eegumsaa fi jireenya isa dhufuuf immoo wabii qabaanna! Hafuurota hamoo irraa biliisummaa argachuudhaaf tarkaanfii fudhatamuu qaban sadan waliin ilaalla.
Tarkaanfii 1: humna maqaa Yesuus Kiristoos keessaa argamu argachuuf gaafadhaa
Tarkaanfiin inni jalqabaa maqaa Yesuus Kiristoosiin eegumsa Waaqayyoo gaafachuudha. Ofii keenyaa, nuti humna hin qabnee dha. Garuu yeroo maqaa Yesuus Kristosiin jireenya keenya irratti labsinu, hafuurri hamaan humna kan hin qabne ta’a! Yesuus waa’ee duuka-buutota isaatii akkas jedhe: “Maqaa kootiin hafuurota hamoo in baasu” (Wangeela, Maarqos 16:17).
Akka Yesuus Kiristoos biliisa si baasu onnee kee guutuudhaan yoo amante, inni ni raawwata! Salphaadhumatti akkas jedhii kadhadhu, “Yaa Gooftaa, maqaa Yesuus KiristoosIsa Tokkicha Ergitee sanaan, hafuura hamaa jalaa na baasi!”
Tarkaanfii 2: Keessaanis ta’e Alaan Qullaa’uuf Gaafadhu
Yesuus Kiristoos diyabilosiif akka nuti karaa kennuu hin qabne barsiiseera. “Inni biyya lafaa kana seerratu dhufuutti jira; haa ta’u iyyuu malee inni ana irratti aboo hin qabu” jedhe (Wangeela, Yohaannis 14:30). Nutis jireenya keenya dhiibbaa waan hamaa hundumaa irraa qulleessuu qabna.
Diyaabilos nu “nu keessaa homaa” hin qabu jechuun maal jechuudha? Mana keenyaa fi onnee keenya keessaa wanti kan isaa ta’e tokko iyyuu hin qabu jechuudha. Xibaaraa, waaqotii dharaa fi kudhaama of irraa gatuu qabna. Shaakala cubbuu ta’an kanneen suuraa fi viidiyoo qullaa namaa ilaaluu, adoochituu, fi dhugaatii nama macheessan fayyadamuu irraa of qusachuu qabna. Yoo kanaan dura ekeraa wajjin dubbachaa yookiin abaarsa labsaa turreerra ta’e, gocha akkasii ammumaa qabnee dhaabuu qabna. Sana gochuudhaan, jireenya bakkkee keenyaa dhiibbaa hafuura hamaa irraa qulleessina. Sana booda, akka Inni nuuf dhiisuu fi keessa keenyas immoo qulleessuuf kadhachuu qabna.
Tarkaanfii 3: Jireenya kee Ifaan Guuti
Erga Yesuus Kiristoos humna Jinnii jalaa isin furee booda, akka inni jireenya keessan irratti moo’uuf isa afeeraa. Onnee kee duwwaatti hin dhiisinaa. Yesuus Kiristoos akkas jedhe,
Hafuurri hamaan nama keessaa yommuu ba’u, iddoo itti aara galfatu barbaaduuf lafa bishaan hin jirre keessa in deddeebi’a; garuu tokko illee hin argatu. Kana booddees, “Mana koo isa ani keessaa ba’ettan deebi’ee gala’ jedha.” Yommuu deebi’ee dhufus, manichi duwwaa isaa haramee, qopheeffamee in argata. Ergasii dhaqee hafuurota torba isa irra kan hammaatan of duukaa in fida; isaanis manichatti galanii keessa taa’u. Jireenyi namicha sanaa inni gara booddee isa duraa irra kan itti hammaatu ta’a; kan dhaloota hamaa kanaas akkasuma in ta’a (Wangeela, Maatewos 12:43-45).
Erga Jinnii irraa qullooftee booda, jireenya kee ifa Kitaaba Yesuusiin, Macaafa Qulqulluutiin guuti. Yesuus Kiristoos “Eenyu illee kan isatti amanu dukkana keessatti akka hin hafnetti, ifa ta’ee gara biyya lafa kanaa dhufeera” (Wangeela, Yoh. 12:46). Akka ifni isaa dukkanicha dhiibee baasutti Kitaaba Yesuusiin qabaadhuutii guyyaa guyaatti dubbifadhu.
Nageenya Gara Fuula Duraa
Bara gara isa dhuamaatti dhi’oo kan ta’e isa keessatti hojiin hafuura hamootaa caalaatti hammaatu keessa jiraachaa jirra. Yesus Kiristoos osoo inni hin deebi’in dura humnoonni badii amantoota gowwoomsuuf yaaluun dinqii sobaa hedduu akka raawwatan raajii dubbateera. Gariinitti jinniin bifa sodaachisaa ta’een akka hafuuraatti ni mul’ata; warra kaaniif ergamoota yookiin firoota du’anii fakkaatanii ni mul’atu. Seexanni mataan isaa iyyuu Yesus Kiristoosiin of fakkeessa!
Haa ta’u malee soba isaatiin gowoomfamuu hin qabdan. Yoo Yesuus Kiristoosiin hordoftan, seexanaan mormuu akka dandeessaniif humna isiniif kenna. Jaallatamoo michoota koo, wal’aansoon isin har’a keessa jirtan maalis yoo ta’e, Yesus biliisummaa isiniif haa kennu!
Duuka-buutuun Yesuus hafuura hamaattii akka hiikamtaniif akka isiniif kadhatu yoo barbaaddan, odeeffannoo dugda waraqaa kana irra jiruun nu quunnamaa.
Copyright @ 2023 by Sharing Hope Publications. Gurgurtaaf utuu him taane qooduudhaaf hojiin kun eyyama malee iyyuu maxxanfamuu in danda’a.Heertuwwan as keessa jiran hiikkaa Waggaa Araaraa Bara 2022 Waldaa Macaafa Qulqulluu Oromootiin Maxxanfame irraa fudhataman. Mirgi isaa eegamaadha. Hiikkaa bilisaa Quraana Ingiliffaa irraa gara Afaan Oromootti.
Barruulee keenya argachuudhaaf galmaa'i
Maxxansaalee haaraa yeroo argamanitti nama dursee beeku ta'i!
