
Murtii Keessatti Sodaa Malee Ta’uu
Cuunfaa
Waa'ee guyyaa murtii yaaduun onnee namoota baayyee sodaadhaan rukuta. Guyyaa murtii isa dhumaa sana keessa nagaadhaan darbuu keenya akkamiin beekuu dandeenya? Waaqayyo akka ofii Isaatii abukaatoo nuuf kennu nutti hima—akkuma dhadacha murtii isa biyya lafaa keessatti ogeeyyiin seeraa dhimma keenya irratti nuuf falman kan bakka keenya bu'ee nuuf falmu jechuu dha. Barruuleen kun abukaatoo keenya kana nu beeksisuudhaan akkamittiin murtii dhufaa jiru sana keessatti wabii qabaachuu akka dandeenyu nu barsiisa.
barreessi
Tract
Kan Maxxansu
Sharing Hope Publications
Afaan 25 keessatti argama
36 Afaanota dubbataman
Fuulawwan
3
Gaaf tokko ganama, walgahii barbaachisaa tokko hirmaachuudhaafan kutaa ciisichaa hoteela kootii ba’e. Baayyee yeroo dabarsee waanan tureef ariifadheen oofe, saffisa heyyamamuu olittan oofe. Bakka wal gahii ga’uuf walakkaa akkuman ga’een, poolisiin traafikaa akkan dhaabadhu erga na gaafatee booda gara buufata poolisii deemuu qabda naan jedhe! Akkan balleesse waanan beekeef baayyeen aaree gargarsa kanan hin qabne ta’e.
Erga poolisiin sun himata narratti banee booda, murtiidhaaf gara mana murtii achitti dhi’ooii tureetti na geessan. Achitti, hiriyyaa koo kan ogeessa seeraa ta’ee hojjetuu wajjinan wal arge. Na arguun baayyee isa ajaa’ibee ture. Haala koo yommuun itti himee, hin yaadda’in, naan jedhe. “Dhimmi kee ani nan qabadha.” Anis baay’een gammade. Hiriyyaa kootu abukattoo naaf ta’e!
Hiriyyaan koo bakka koo bu’ee waan naaf falmeef, abbaan seeraa murtii salphaa natti murteesse. Ani Waaqayyoon galateeffachaan mana murtiitii ba’ee deeme.
Fuula abbaa seeraa biyya lafaa tokko dura murtiidhaaf dhaabachuun baayyee nama sodaachisa. Haa ta’u malee guyyaa murtii isa guddaa sanatti fuula Waaqayyoo dura dhaabachuu wajjin wal bira qabanii madaaluuf homaa walittii hin qabu. Guyyaan sun bor dhufa utuu ta’eetii, ati qophoofteettaa?
Murtiidhaaf Qophaa’uu
Namootni baay’een waa’ee murtii isa dhufuuf jedhuu kana akka waan yeroo hundaa ta’uutti fudhatu. Dhugaatii nama macheessu dhugu, tamboo aarsu, qumaara xabatu, bakka sirbaa bulan deemu, viidiyoo gadhee ta’anis ni ilaalu. Isaan kun hundinuu galmee irratti akka barreeffaman beekuu malu, haa ta’u malee gowwomsaa Seexanaatiin (sheexanaa) kiyyootti galaniiru. Dhimma hin qaban.
Namootni kaan immoo sodaa hin barbaachifneen deebii kennu. Kadhannaa tokko illee keessaa hin dhaban. Waa’ee dhiphina iddoo owwaalchaa yookiin ibidda bara baraa sana yaaduutti hanga jaalalaa fi gaarummaa Waaqayyoo dagachuutti ga’u.
Haa ta’u malee akkuma ani mana murtiitti abukaattoo argadhe, Waaqayyo murtii sana keessa akka nuti darbinutti abukaattoo nuuf qopheessee jira. Qofaa kee ta’uu hin qabdu!
Abukaattoon keenya eenyu?
Yaadni abukaattoo haaraa miti. Waggaa waggaadhaan, namoota kumaatamaan lakka’amantu bakka qulqullaa’oo dha jedhaman isa Afriikaa Kaabaa, Baha Giddu Galeessaa fi Asiyaa keessa jiru daawata. Namoota baayyeetu gara siidaa geggeessitoota jajjaboo turanii deemanii sagadee, bakka keenya bu’anii nuuf falmu jedhanii amanu.
Geggeessitoota gurguddoo sana kabajuun gaariidha, garuu isaan kadhachuun yookiin araarsummaa isaanii gaafachuun guutummaatti haraama. Isaan waan du’anii jiraniif homaa tokko isiiniif gochuu hin danda’an. Raajotni iyyuu awwaala keessa ciisaniiti, kan isaan guyyaa Du’aa ka’uu eeggachaa jiru.
Yooma illee namootni du’an akka araara nuuf gaafataniif isaan kadhachuun haraama ta’u iyyuu, yaadni araarsuu jedhu sun garuu ofii isaatiif sirriidha. Haa ta’u malee araarsuu kan eenyuutu Waaqayyoon biratti fudhatama qaba? Innis akkas kan ta’e ta’uu qaba
Jiraataa (sababiin isaa warri du’an qooda keenya nuuf dubbachuu hin danda’an waan ta’eef).
Cubbuu malee (namni seera biratti komatamaa ta’e falmuu hin danda’u sababii ta’eef).
Eenyutu ulaagaalee kana guutuu danda’a? Yesuus Kiristoos isa jaallatamaa sana irraa kan hafe kan biraan hin jiru, isa Isaa al-Masih jedhamuudhaan beekamu, isa samii irra jiraatu fi guutummaatti qulqulluu ta’e sana dha.
Waa’ee isaa itti yaadi—cubbuu hin qabu kan jedhu kan biraan jiraa? Addaam ija mukaa isa dhorkame sana nyaate; Nohi (Nuh) daadhii wayiniitiin machaa’e; Abirihaam (Ibraahim) ni sobe; Museen (Musaan) nama ajjeese; Daawwit (Daawud) haadha manaa namaa hate. Raajii dogoggora tokkollee hin hojjenne yookiin dhiifama gaafatee hin beekne tokko illee hin argattu.
Yesuus Kiristoos garuu cubbuu tokko illee hin hojjenne. Inni iyyuu akkas jedhe, “Inni ana erge Anaa wajjin jira... anis yeroo hundumaa waan Isa gammachiisu waanan hojjedhuuf” (Wangeela, isa Injiil jedhamee beekamu sana keessaa, Yohaannis 8:29).
Nageenyaan Murtii Duratti Dhiyaachuu
Yesuus Kiristoos jiraataa ta’ee Samii irra kan jiruu fi guutummaatti cubbuu kan hin qabne dha. Inni anaafi siif dubbachuudhaaf qophii dha. Akkasumas Inni dafee deebi’ee in dhufa.
Erga deebi’ee yeroo lammaffaaf in dhufa ta’ee, Yesuus Kiristoos raajii isa xumuraati jechuudha. Eeyyee, raajii irra iyyuu ni caala—inni Guyyaa murtii isa Guddaa sanatti, Abukaattoo, Gooftaa, fi Nagaa keenya. Akkas jedhee nutti hime, “Dhuguma dhuguman isinitti hima... namni dubbii koo eegu barabaraan hin du’u.” (Wangeela, Yohannis 8:51).
Yesuus du’aa miti; Inni jiraataa dha malee! Amma iyyuu biyya lafaa keessatti hawwaasa Isa hordofan walitti qabaa jira. Yeroo tokko-tokko akka nama uffata adii uffateetti abjuu keessa mul’atee yookiin yeroo maqaa isaatiin Waaqayyoon kadhannu maalallee gochuudhaan namoota gara haawwaasa kanaatti afeeraa jira.
Guyyaa murtii isa guddicha sanatti nagaa qabaachuu barbaaddaa? Yesuus Kiristoositti amanuu kee dubbadhu. Maaliif warra du’anii fi guyyaa murtii isa guddaa sanatti xumurri isaanii maal akka ta’u warra hin beekne irra amantaa keewwanna? Bakki Yesus iddoo isaa samii irratti qabu mirkanaa’aa dha. Akkuma hiriyyaa koo isa mana murtii keessa ture sanaa, innis nu gargaara.
Tarii wanti baayyee namatti tolu dhugaadhaa laata jettee shakkita ta’a. Yesuus Kiristoos akkas jedhe, “Maqaa kootiin wanta kamiin iyyuu yoo gaafattan, ani isiniifan raawwadha” (Wangeela, Yohaannis 14:14). Wanti ani sitti hime kun dhugaa moo miti kan jedhu ilaaluuf qoriitii ilaali. Yesuus haala hamaa amma nu mudate keessatti nu qaqqabuudhaaf humna qabaate, inni abukaattoo keenya ta’uudhaaf itti amanuun ni danda’ama. Onnee qulqulluudhaan maqaa Yesuusiin Waaqayyoon kadhadhuutii waan ta’u ilaali. Akkas jettee kadhachuu dandeessa:
Yaa Gooftaa, Yesuus abukaattoo keenya guyyaa murtii isa guddaati nuuf falmu gootee nuuf muuduu kee ani beekuun barbaada. Yoo kun dhugaadha ta’e, kadhannaa koof deebii naaf kenni (waan isa irraa barbaaddu as galchuu dandeessa). Maqaa Yesuus Kiristoosiin kana sin gaafadha. Ameen.
Akkamittiin akka Yesuus Kiristoosiin duukaa bu’uun akka danda’amu caalaatti baruu yoo feete, odeeffannoo dugda waraqaa kanaa irra jiruun nu quunnami.
Heertuwwan as keessa jiran hiikkaa Waggaa Araaraa Bara 2022 Waldaa Macaafa Qulqulluu Oromootiin Maxxanfame irraa fudhataman. Mirgi isaa eegamaadha.
Copyright @ 2023 by Sharing Hope Publications. Gurgurtaaf utuu him taane qooduudhaaf hojiin kun eyyama malee iyyuu maxxanfamuu in danda’a.Heertuwwan as keessa jiran hiikkaa Waggaa Araaraa Bara 2022 Waldaa Macaafa Qulqulluu Oromootiin Maxxanfame irraa fudhataman. Mirgi isaa eegamaadha. Hiikkaa bilisaa Quraana Ingiliffaa irraa gara Afaan Oromootti.
Barruulee keenya argachuudhaaf galmaa'i
Maxxansaalee haaraa yeroo argamanitti nama dursee beeku ta'i!
