Waamicha Immigireeshinii Tokko

Waamicha Immigireeshinii Tokko

Cuunfaa

Bakka wayyu jiraachuuf ni hawwitaa? Bakka amansiisaa, gammachuu fi boqonnaa? Hundi keenya jannata qannoo keessa jiraachuudhaaf waan uumamneef wanta biyyi lafaa kun nuuf kennuu hin dandeenye hawwina. Yesuus Masihichi achi deemee jira. Inni karaa ittiin achi dhaqamu beeka, qabatamaatti, akka inni of waamutti Inni "Karicha!" Barruuleen kun waa'ee Yesuusiin dhugaa murteessoo ta'anii fi lammummaa Jannata qannoo sanaaf of qopheessuuf nu gargaaran nutti hima.

barreessi

Tract

Kan Maxxansu

Sharing Hope Publications

Afaan 25 keessatti argama

36 Afaanota dubbataman

Fuulawwan

6

Gadi buusuu

Abdul-Maleek jaarsa dulloomaa dadhabaa ta’e tokkoo ture. Ijoollee isaa fi haadha manaa isaa du’aanii erga dhabee booda, ISIS jalaa ooluudhaaf gara Iraaqitti baqate. Amma biyya Yordaanos keessa akka baqataatti qofaa isaa jiraata.

Garuu ifti abdii tokko tureera. Hojii akka argatu kan isa gargaare, Kanaadaa kan jiraatu, fira tokko qaba ture. Abdii guddaadhaan, viizaa gaafatee jireenya salphaa ta’e jiraachuudhaaf mul’ata qabaachuu eegale. Dhuma irratti, waggoota hedduuf erga eegee booda, Kanaadaa seenuudhaaf heyyama argate. Abdul-Maleek baay’ee gammadee ture!

Gammachuun isaa garuu yeroo gabaabaa qofaaf ture. Kanaadaa erga gahee booda, jireenyi godaansa boodaa salphaa akka hin taane in hubate. Hojiin isaa guyyaa guutuu dhaabatee akka inni oolu isa taasise. Ollootni isaa sagalee isaanii ol kaasanii wacu turan. Geejjiba hawwaasaa fayyadamuu baruun salphaa hin turre—afaan Ingliffaa baruunis akkasuma! 

Abdul-Maleek yeroo hundumaa iddoo wayyu deemuuf abjoochaa ture, erga achi ga’ee booda garuu, amma iyyuu onnee isaa isa dhukkubsa. Biyya lafaa keessaa bakki hawwii garaa isaatti dhaga’ame sun itti guutu kan itti argamuu danda’u jiraa laata—moo hanga Jannatatti eeguutu narra jira jedhee yaaduu eegale!

Godaansa gara Jannataatti

Akka Abdul-Maleekitti sitti dhaga’amee beekaa? Fedhiin bakka isa amma jirurra wayyu barbaaduu onnee namootaa keessatti barreeffame kun kan inni guutu, Jannata, mana keenya isa dhugaa, seenuudhaan qofaadhaan. Kun immoo fedhii dhiyootti fiixaan ba’uu dha! Mallattoon yerichaa ija keenya duratti raawwachaa jira, biyyi lafaa kun ariitiidhaan gara xumuraatti dhufaa jirti.

Jaarraa hedduudhaaf, kitaabonni amantii Yihudootaa, Kiristaanotaa fi Musliimotaa hundi isaanii apokaaliipsii—ullaa fiixee sana yeroo addunyaa kana irraa gara isa itti aanutti “godaannu” raaje. Amantaan sadanuu gara Masihiicha—isa taatee kana keessatti qooda guddaa fudhatuu agarsiisu.    

Kan nama ajaa’ibu, kan waa’een isaa dubbatame Masiihii kun Kiristaanummaa fi Islaamummaa keessatti kan biraa miti, Yesus Kiristoos, Isa al-Masih jedhamuunis beekamuudha malee. Yeroo Falasxiin keessa jiraate inni Masihiicha ture, garuu waggoota 2,000 darbaniif mana Waaqayyoo keessa jiraachaa jira. Guyyaa murtii isa dhumaatti immoo deebi’ee dhufa. 

Deebi’ee dhufuun Yesus Kiristoos kitaaba qulqulluu keessatti akka beekamtii qabaatutti dubbatameera, garuu Muusilemonnis immoo, akka inni deebi’ee dhufu ni amanu, Quraana keessatti “Akkasumas (Yesus) mallattoo (dhufaatii yeroo) (firdii): kanaaf waa’ee (Yerichaa) shakkii hin qabaatinaatii na duukaa bu’aa, Karichi inni Qajeelaan kanaa dha.” kan jedhu Quraana keessatti barreeffamee jira. (Az-Zukhruf 43:61).

Akkuma ogeessi waajjira immigiraashinii akkamitti akka viizaa argatan ilaalchisee qajeelfama kennu, akkasuma Yesuus Kiristoosis karaa isa Qajeelaa gara Jannataatti geessu akka beeknuuf xiyyeeffannoodhaan gara mallattoo isaatii akka ilaaluuf nu afeera. 

Yesuu Jannati maal fakkaata jedhe?

Wangeelli, inni Injil jedhamuudhaanis beekamu, Yesus, “Ani iddoo isiniif qopheessuuf nan adeema, yommuun dhaqee iddoo sana isiniif qopheessus, iddoodhuma ani jiraadhu isinis akka jiraattaniif, deebi’ee dhufeetan, gara ofii kootti isin fudhadha” jechuu isaa dubbata. (Wangeela, Yohaannis 14:2-3). Yesuus Kiristoos gara Jannataatti akka nu geessuu danda’u nutti hima! 

Akkasumas inni, bakka sana ilaalchisee oddeeffannoo jaalala qabeessa taʼan hamma tokko ifa godheeraaf. Akkas jedhe

  • Achi kana booda duuti, gadduun, boo’uu, yookiin dhukkubni hin jiru (Mul’ata Yohaannis 21:4).

  • Manneetii mimmiidhagoo in qabaanna (Yohaannis 14:2).

  • Dhiirrii fi dubartiin mirgaa fi kabaja wal qixa qabaatu (Galaatiyaa 3:28).

  • Ifa, qajeelummaa, fi gammachuudhaan guutuudha (Mul’ata 21:21-25).

Dhugaadhumatti, kun iddoon onneen keenya dheebotuu dha!  

Yesuus Kristos maaliif lammaffaa deebi’ee dhufa

Waaqayyo garuu raajotaa fi ergamoota qulqulloota hedduu ergeera. Yesuus Kiristoos yeroo lammaffaa deeb’uuf maaliif filatame? Gaaffiin kun ammas fakkeenya immigireeshinii sana fayyadamanii deebisuun salphaa dha. Sababiin isaa viizaa argachuun salphaa miti, namootni baayyeen ogeessota seeraa warra karaa isaa beekan qarshiidhaan bakka buufatu. Yoo nama nu qajeelchu qabaanne, akka inni nu gargaaru isa amanuu dandeenya.

Haaluma wal fakkaatuun, Yesuus Kiristoos karaa gara Jannataatti geessu waan beekuuf garasitti akka nu geggeessuuf isa qofatu yeroo lammaffaaf mul’ata. Innumti ofii isaatii, “Karichi, dhugaan, jireenyiis ana” jedheera (Yohaannis 14:6).

Raajonnii fi ergamtoonni Waaqayyoon ergaman hundi isaanii dogoggoranii dhiifamas gaafataniiru. Yesuus Kiristoos garuu akkas miti. Biyya lafaa irra waggoota 33 jiraate keessatti cubbuu kan him qabne ture. Kanaafiidha kan inni battalumatti gara Jannataatti fudhatameef. 

Yesuus Kiristoos, isa cubbuu malee ta’e irraa ulaagaa ittiin Jannatatti seenamu baruu qabna. Karaa kana qofadha kan nuti seenuudhaaf heyyama gaarii argannu. Kana immoo kitaaba isaa, Macaafa Qulqulluu irraa barachuu waan dandeenyuuf galata qabna. 

Deebi’ee dhufuu Yesuus Kiristoosiif qophaa’uu

Godaansa kee gara iddoo wayyutti godhachaa jiraachuu beekuun nama in gammachiisuu? Jannata kabajamaa Mootummaa Waaqayyoo keessatti lammii akka taatuuf afeeramtee jirta! Bakka baayyee jaallatamaa sanatti nu geessuuf Yesuus Kiristoos dhiyootti deebi’ee ni dhufa.

Namoota ofii isaaniitii iyyuu guyyaa murtii sanatti maal akka isaanitti dhufu hin beekne hordofaa jirtaa laata?  Yesuus Kiristoosiin ilaalchisee, shakkii hin qabaattu. Akka Waaqayyo daandii qajeelaa isa kan Yesuus Kristoostti si geggeessuuf gaafadhu. Akka kanatti kadhata godhachuu dandeessa:

Yaa Gooftaa, onneen koo iddoo kana irra wayyu tokko ni hawwiti. Maaloo anaa fi namoota ani jaalladhu hunda rakkina biyya lafaa kana jalaa nu baraari.  Yeroon gabaabaa dha nan amana. Bakka ajaa’ibaa ati naaf qopheessite sanatti akkan galuu danda’uuf maaloo ati na geggeessi. Ameen.

Yoo Wangeela qabaachuu barbaaddeef, odeeffannoo dugda warqaa kanaa irra jiruun nu quunnami.

Copyright @ 2023 by Sharing Hope Publications. Gurgurtaaf utuu him taane qooduudhaaf hojiin kun eyyama malee iyyuu maxxanfamuu in danda’a. 
Heertuwwan as keessa jiran hiikkaa Waggaa Araaraa Bara 2022 Waldaa Macaafa Qulqulluu Oromootiin Maxxanfame irraa fudhataman. Mirgi isaa eegamaadha. Hiikkaa bilisaa Quraana Ingiliffaa irraa gara Afaan Oromootti.

Barruulee keenya argachuudhaaf galmaa'i

Maxxansaalee haaraa yeroo argamanitti nama dursee beeku ta'i!

newsletter-cover